Matthew 17:24 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuusii fi barattooti isaa yenna Qifirnaahom gayane, worri gibira Galma Waaqaa guuru gara pheexroosii dhufanee, “Barsiisaan keessan gibira Galma Waaqaa hin kaffaluu?” jedhaneen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Kapernaumu d'umnaani worri gibira Mana Waaqa guuru gara Petro d'ufe waan jed'eeni, Qaallichi keesani gibira imbaasu?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Qifirnaahom dhumnaan warrii gibira mana Waaqaa guuru gara Phexros dhufee, “Barsiisaan keessan gibira mana Waaqaa hinbaasuu?” jedhee gaafate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuusii fi darasoonni isaa hennaa Qifirnaahoomiin gayan worri gibira mana woyyu'uu guuran gara Pheexroosii dhufanii, «Barsiisaan keessan gibira mana woyyu'uu hin kaffaluu?» jedhaniin.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuusii fi darasoonni isaa hennaa Qifirnaahoomiin gayan, worri gibira mana woyyu'uu guuran gara Pheexroosii dhufanii, «Barsiisaan keessan gibira mana woyyu'uu hin kaffaluu?» jedhaniin.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesusii fi barttoonni isaa gara Qifirnaahoomii yeroo gayanitti, worra gibira Mana Waaqeffanna'aa wolitti qaban gara Phexirosii dhiyaataniiti, «Barsiisaan keessan gibira Mana Waaqeffanna'aa hin kafalu moo?» jechu'uun, ni gaafataniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuusii fi barattooti isaa yennaa Qifirnaahoom geyane, worri gibira Galma Waaqaa guuru gara pheexroosii dhufanee, «Barsiisaan keessan gibira Galma Waaqaa hin kaffaluu?» jedhaneen.