Matthew 17:25 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Pheexroos, “Ee, hin kanfala” jedheen. Pheexroos gara manaa dhufee adoo isatti hin dubbatinuu, Yesuus dursee, “Simoon, maan sitti fakkaata? Moototi biyya lafaa qaraxa yookiin gibira eennu irraa guuran? Nama biyya ifii irraa moo nama biyya dhibi'ii irraa guuran?” jedhee isa gaafate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Petroni, Imbaasa jed'eeni. Akuma Petroni mana seeneeni, Yesoni qara waan jed'eeni, Simoni, atini maani seeta? Hayyooti lafa gibirafi damoosa eennu iraa guurti? Abbooti lafa mo nama d'ibi iraa guurti?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Phexros deebisee, “Hinbaasa” jedheen. Akkuma Phexros mana seeneen, Yesus, “Simoon, atin maan seeta? Hayyootii lafaa gibiraa fi qaraxa eennu irraa guurti? Abbootii lafaa moo nama dhibii irraa guurti?” jedhee isa gaafate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Pheexroos, «Ee, hin kaffala» isaaniin jedhe. Pheexroos gara manaa dhufee uduu isatti hin dubbanne Yesuus dursee, «Simoon, maal sitti fakkaata? Mootonni biyya lafaa qaraxa yookaan gibira eennuun irraa guuran? Nama biyya ufii irraa moo nama biyya biraa irraa guuran?» jedhee isa gaafate.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Pheexroos, «Ee, hin kaffala» jedheen. Pheexroos gara manaa dhufee uduu isatti hin dubbanne, Yesuus dursee, «Simoon, maal si fakkaata? Mootonni biyya lafaa qaraxa yookiin gibira eennuun irraa guuran? Nama biyya ufii irraa moo nama biyya biraa irraa guuran?» jedhee isa gaafate.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Phexiros'llee, «Ni kafala» isaaniin jedhe. Phexiros gara manaa yeroo aseenetti Yesus durssee, «Yaa Simoon Phexiros! Maal sitti fakkaata? Mootonni arddii tanaa gibraa fi ashuraa ka fudhatan, eennuun irraayyi? ijoollee isaanii irraayyi moo, yookiin namoota biyya alaa irraayyi?» jechu'uun ni gaafateen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Pheexroos, «Ee, hin kaffala» jedheen. Pheexroos gara manaa dhufee adoo isatti hin dubbatinuu, Yesuus dursee, «Simoon, maan sitti fakkaata? Moototi biyya lafaa qaraxa yookiin gibira eennu irraa guuran? Nama biyya ifii irraa moo nama biyya dhibi'ii irraa guuran?» jedhee isa gaafate.