Matthew 17:27 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Te'uu malee, nuuti gufuu akka isaanitti hin teene, gara abbaaya'aa dhaqiitii malxaqqoo bisaanitti darbadhu; qurxummii qara baatu fuutee, afaani isi'ii yoo bante, beesee keessatti hin dhaggita; beesee san fuudhiitii anaaf, ifille'eef kaffali!” jedheen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo taatele, nu worra kana dalansiisu imfeenu. Gara galaana, d'aqi, t'urura keesa buusi, duuba qurt'umi qara qabdu fuud'i, afaani isii gargari qabi, beese keesati argatta. Fuud'i, anaafi sile baasi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Taatuulle, nu warra kana dallansiisuu hinfeenu. Gara galaanaa, dhaqii, xuruuraa keessa buus, duuba qurxummii qaraa qabdu fuudhii, afaan isii gargarii qabi, beessee keessatti argitaa. Beesee sun fuudhii naa fi sillee baasi” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo akka isaanitti gufuu hin taane, gara galaanaa deemiitii siiboo gara galaanaa darbi qurxummii dura qabde afaan isi'ii hennaa bante meetii keessatti argitaa; meetii san fuudhii Naa fi ufiillee kaffali!» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammo akka isaanitti gufuu hin taane, gara galaanaa deemiitii siiboo gara galaanaa darbi qurxummii dura qabde afaan isi'ii hennaa bante birrii keessatti argitaa, birrii san fuudhii Naa fi ufiillee kaffali!» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Garuu gufuu akka isaanitti hin taaneef gara garba ciisa'aa deemiitii, hookkoo qurxummi'iin qaban darbadhu, qurxummii jalqabatti bayu qabi, afaan isaa'llee yeroo banittu keessatti qarshii ni argatta, qarshii san'llee fiddiitii waayee kiyyaa fi keetiitiif kafali.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Te'uu malee, nuuti gufuu akka isaanitti hin teene, gara abbaaya'aa dhaqiitii malxaqqoo bisaanitti darbadhu; qurxummii qara baatu fuutee, afaan isi'ii yoo bante, beesee keessatti hin dhaggita; beesee san fuudhiitii naaf, ifille'eef kaffali!» jedheen.