Matthew 17:5 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Adoo inni tana dubbatiisatti jiruu, dedhuma duumensi ifaalessi isaan golle; duumensa san keessalle'ee qoonqoon takka, “Kun Ilma kiyya ka ani jaaladhu, isa dhage'a'a!” jette.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato inni dubbatu, dumansi adiini toko worrati golle, qonqooni dumansa keesa waan jette, Kunini Ilma kiyya ka anini jaalad'u, ka na gammachiisu, dubbi isaa ch'aqasa jette.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Adoo innii dubbatuu, duumansii adiin tokko warratti gollee, qoonqoon duumansa keessaa, “Kunin ilma kiyya ka anin jaaladhu, ka na gammachiisuu, dubbii isaa caqasaa” jette.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Uduma inni kana dubbata'aaru, duumessi ifaa isaan golge. Duumessa san keessaan laagaan, «Ilmi kiyya ka ani itti gammaduu fi jaaladhu kanaa isa dhagayaa'a» jedhu dhufe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Uduma inni kana dubbata'aaru, duumessi ifaa isaan golge. Duumeessa san keessaan laagaan, «Ilmi kiyya ka ani itti gammaduu fi jaaladhu kanaa, isa dhagayaa'a» jedhu dhufe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Uduma Phexiros kana dubbata'aa jiru duumessi ifaan isaan ni dayeesse, duumessa keessaa'llee, «Ilmi kiyya ka ani jaaladhuu fi itti gammadu'llee kana, isa dhagayaa!» qooniqqi jedhu, ni dhufe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Adoo inni tana dubbatiisatti jiruu, dedhuma duumensi ifaalessi isaan golle; duumensa san keessalle'ee qoonqoon takka, «Kun Ilma kiyya ka ani jaaladhu, isa dhage'a'a!» jette.