Matthew 18:12 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Maan isinitti fakkaatti? Nami tokko hoolota dhibba qabaatee, isaan keessaa takkattiin yoo badde, sagaltamii sagal gaara irratti lakkisee ta badde san hin barbaaduu?
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Maani seetani? Nami hooliye d'ibba toko qabu, yo toko bade, sagaltami sagalaani taani d'eedati lakise, tokocha bade kaani barbaadu ind'aqu?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Maan seetaan? Namii hooliyyee dhibba tokkoo qabu, yo tokko bade, sagaltamii sagallan taan dheedatti lakkisee, tokkocha bade kaan barbaaduu hindhaquu?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Maal isinitti fakkaata? Namni tokko uduu hoolota dhibbaa qabaatee isaan keessaa takkattiin yoo jalaa badde, sagaltamii sagal gaara irratti dhiisee ta badde san hin soquu?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Maal isinitti fakkaata? Namni tokko uduu hoolota dhibbaa qabaatee, isaan keessaa takkattiin yoo jalaa badde, sagaltamii sagal gaara irratti dhiisee ta badde san hin soquu?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Dabalee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Mee maal isinitti fakkaata? Nama tokko hoolota dhibba yoo qabaatee fi isaan keessaa tokko uduu jalaa baddee, sagaltamii sagilanuu gaara irratti dhiisee, ka bade tokko barbaadu'uuf hin deemuu ree?»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maan isinitti fakkaatti? Nami tokko hoolota dhibba qabaatee, isaan keessaa takkattiin yoo badde, sagaltamii sagal gaara irratti lakkisee ta badde san hin barbaaduu?