Matthew 18:14 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Akkasuma worraa didiqqaa kana keessaa tokkochille akka badu fedhii Abbaa keessan ka ol-gubba'aatii moti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Akasuma fed'i Abba keesani ka gubbati, aka ijoolle didiqo tana keesa tokoleeni imbanne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akkasumaa ijoollee didiqqoo tana keessaa tokkoolleen baduun fedhii Abbaa keessan ka Waaqaa gubbaatiiniti” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkasuma didiqqaa kanniin keessaa tokko akka badu fedhii Abbaa keessan ka Sami'iitii miti.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akkasuma didiqqaa kanniin keessaa tokko akka badu fedhii Abbaa keessan ka Sami'iitii miti.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akkuma kana Abbaan keessan ka samii jiru, maandhota kanniin keessaa tokko'llee akka badu hin barbaadu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkasuma worra didiqqaa kana keessaa tokkolle akka badu fedhii Abbaa keessan ka ol-gubba'aatii moti.