Matthew 18:15 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
“Obboleessi keeti yoo si yakke, dhaqii lafa isin lamaan qofi jirtanutti yakkaa isaa itti himi. Inni yoo si dhage'e, ati deebittee obboleessa keeti isa godhatta.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo oboleesi kanke siti dabe, kobati yaami gorsi. Yo inni dubbi tante d'agaye, atini ya oboleesa keti waan guddo taate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus ammallee itti dabree, “Yo obbooleessii kee sitti dabe, kophaatti yaamii gorsi. Yo innii dubbii tee dhaga'ee, atin obbooleessa keetii ya waan guddoo taate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Yoo obboleessi kee si yakke, dhaqiitii hulee isin lamaan callaan jirtanitti yakka isaa itti himi; inni yoo si dhagaye obboleessa kee godhadhu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Obboleessi kee yoo si yakke, dhaqiitii hulee isin lamaan callaan jirtanitti yakka isaa itti himi. Inni yoo si dhagaye, obboleessa kee godhadhu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Obboleessi kee yoo si miidhe atii fi inni qoftti adda keessan ta'aatii balleessaa isaa itti himi, yoo si dhagaye deebi'ee obboleessa kee akka ta'u ni taasfttan,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Obboleessi keeti yoo si yakke, dhaqii lafa isin lamaan qofi jirtanutti yakkaa isaa itti himi. Inni yoo si dhage'e, ati deebittee obboleessa keeti isa godhatta.