Matthew 18:17 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Inni yoo isaan dhage'uu dide, wolde'a kiristaanaatitti himi; wolde'a kiristaanaalle yoo dhage'uu dide, akka worra Yihudoota hin te'iniitii fi guurtuu qaraxaatitti laakkoyi.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo inni dubbi worra d'agayu d'ibaate gumiti himi; ammalle yo inni gumi Waaqa ch'aqasu dide, nyaapafi aka nama damoosa guuruti heregi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yo innii dubbii warraa dhaga'uu dhibaate gumii baasan; ammallee yo innii gumii Waaqaa caqasu dide, akka warra Waaqatti hindhugeeffaneetii fi akka nama qaraxa guuruutti herregan.”
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni yoo isaanillee dhagayuu dide Woldaa Kiristaanaatitti himi; Woldaa Kiristaanaallee yoo dhagayuu dide, akka nama hama'aatii fi nama cubbama'aatitti laakkayiin.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Inni yoo isaanillee dhagayuu dide, Woldaa Kiristaanaatitti himi; Woldaa Kiristaanaallee yoo dhagayuu dide, akka nama hama'aatii fi nama cubbama'aatitti laakkayiin.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isaan'llee hin dhagayu yoo jedhe woldaya amanti'ii titti himi, woldaya amanti'iitiif'llee ka hin dhageenne yoo ta'e, akka nama amantii hin qabnneetii fi akka cubbamaa hin deebinee titti lakkaayiin.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni yoo isaan dhage'uu dide, wolde'a kiristaanaatitti himi; wolde'a kiristaanaalle yoo dhage'uu dide, akka worra Yihudoota hin te'iniitii fi guurtuu qaraxaatitti laakkow.