Matthew 18:19 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ammalle, ani isinitti hima, isin keessa nami lama, biyya lafaa irratti marroo waan tokkoo wolii galee yoo daadimate, Abbaan kiyya ka ol-gubbaa jiru waan isaan daadimatane san isaaniif hin godha.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle waan anini isaniini jed'u, Yo isani nami lama lafa tana irati wold'at'ani, Abbaani kiyya ka gubba waan isani kad'attani isanii kenna.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Ammallee waan anin isaniin jedhu, yo isan namii lama lafa tana irratti waldhaxxan Abbaan kiyya ka Waaqaa gubbaa waan isan kadhattan isanii kenna.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ammallee ani akkana isiniin jedha, isin keessaa namni lamaa biyya lafaa irratti woma kamiifuu wolii galanii yoo Waaqa kadhatan, Abbaan kiyya ka samii jiru waan isaan kadhatan san isaanii godha.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ammallee, ani akkana isiniin jedha, isin keessaa namni lamaa, biyya lafaa irratti woma kamiifuu wolii galee yoo faateffate, Abbaan kiyya ka samii irra jiru waan isaan kadhatan san isaanii godha.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akkuma kanaan'llee isiniin ni jedha, isin keessaa lamaan arddii irratti woma kamiinuu kadhachu'uuf woliigalanii yoo kadhatan, Abbaan kiyya ka samii jiru isaaniif ni raawwata.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ammalle, ani isinitti hima, isin keessa nami lama, biyya lafaa irratti marroo waan tokkoo wolii galee yoo daadimate, Abbaan kiyya ka ol-gubbaa jiru waan isaan daadimatane san isaaniif hin godha.