Matthew 18:25 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Innille kaffaluu dadhabee jennaan, goottaan isaa akka inni niitii ifii, ijoollee ifiitii fi waan qabu mara woliin gurguramee beenyaan kaffalamu ajaje.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni baasu dad'amnaani, hayyuuni kaani aka isaafi waan inni qabu ch'ufa, niiti isaatiifi ijoolle isaale gurgurani mure, aka gati suni baasani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii baasuu dadhamnaan, hayyuun kaan akka isaa fi waan innii qabu cufa, niitii isaatii fi ijoollee isaallee gurguranii gatii sun baasan mure.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni waan kaffalu dhabnaan, gooftaan isaa inni, haadha manaa ufii, ijoollee ufiitii fi waan qabu maraa woliin gurguramee gatiin akka kaffalamu ajaje.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee waan kafalu dhabnaan, gooftaan isaa inni haadha manaa ufii, ijoollee ufiitii fi waan qabu maraa woliin gurguramee gatiin akka kafalamu ajaje.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Tajajilaan kun'llee liqaa irra jiru kafaluu waan dadhabeef inni mataan isaa, haati worraa isaatii fi ijoolleen isaa', qabeenni qabu marri'llee gurguramee, liqaan isa irra jiru akka kafalamuuf, gooftaan isaa ni ajaje.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Innille kaffaluu dadhabee jennaan, goottaan isaa akka inni niitii ifii, ijoollee ifiitii fi waan qabu mara woliin gurguramee beenyaan kaffalamu ajaje.