Matthew 18:29 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba hojjataan akka isaa sun gad jigee, ‘Naa ossadhu, ani sii kaffala’ jedhee isa magannifate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waheli isaa kaani miilati jige, kad'ate waan jed'eeni, Na nahi, sii baasa, diqo na eegi jed'eeni.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waahelii isaa kaan miilatti jigee, ‘Abboo sii baasaa diqqoo naa obsi’ jedhee kadhate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa hojjataan akka isaa sun gad kufee, ‹Naa obsi ani maraa sii kaffalaa› jedhee isa kadhate.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Achiin maayessa hojjataan akka isaa sun gad kufee, ‹Naa obsi ani maraa sii kanfalaa› jedhee isa kadhate.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Tajaajilaan waahela isaa ta'e'llee miila isaa jalatti kufee, ‹Yabo'oo naa obissi, siif kafalaa!› jechu'uun, ni kadhateen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba hojjataan akka isaa sun gad jigee, ‹Naa ossadhu, ani sii kaffala› jedhee isa magannifate.