Matthew 18:31 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Hojjattooti akka isaa worri dhibiin yennaa waan te'e kana dhaggane, guddoo gaddanee, waan te'e san mara goottaa isaaniititti himane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Garbichi d'ibiini waan kana arginaani guddo dalane, d'aqe abbaati hime.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Garbichii dhibiin waan kana arginaan guddoo laaleffatee, dhaqee abbaatti hime.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri hiriyyaa isaa waan inni godhe kana arganii guddisanii gaddanii dhaqanii waan inni godhe maraa gooftaa ufiititti himan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worri hiriyyaa isaa waan inni godhe kana arganii guddisanii gaddaniiti dhaqanii waan inni godhe maraa gooftaa ufiititti himan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akka isaa ka jiran waahellan isaa kuunniin kana yeroo argantti, haalaan ni gaddan, deemanii'llee maraa Gooftaa isaanii titti, ni himan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Hojjattooti akka isaa worri dhibiin yennaa waan te'e kana dhaggane, guddoo gaddanee, waan te'e san mara goottaa isaaniititti himane.