Matthew 18:35 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre isinille gadhaa tokkoon obboleessa keessaniif yoo hin araaramin, tokkoo tokkoo keessan Abbaan kiyya ka ol-gubbaa jirulle akkasuma hin godha” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba Yesoni waan jed'e, Abbaani kiyya ka gubbaleeni akasuma isani tolcha, yo isani ch'ufti garaa keesani keesati oboleyaani teesani inaraaramne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tanaaf yo isan garaa keessan keessatti obbooleeyyan teessanii hinarraaramnee, Abbaan kiyya ka Waaqaa gubbaalleen akkasuma isan tolcha” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Maarre isin keessaa gari gariin obboleessa ufiitiif gara'aan yoo dhiisu'uufii dhabaate Abbaan kiyya ka sami'iillee akkasuma isin irratti godha» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Maarre isin keessaa tokko tokko obboleessa ufiitiif gara'aan yoo dhiisu'uufii dhabaate, Abbaan kiyya ka sami'iillee akkasuma isin irratti godha» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Eegaa isin'llee tokko tokkoon keessan obboleessa keessaniif onne'een dhiifama yoo taasisu'uufii dhabaattan, Abbaan kiyya ka samii jiru'llee akkuma kana isin irratti ni taasisa.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Maarre isinille gadhaa tokkoon obboleessa keessaniif yoo hin araaramin, tokkoo tokkoo keessan Abbaan kiyya ka ol-gubbaa jirulle akkasuma hin godha» jedhe.