Matthew 18:6 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isin keessaa nami tokko worra didiqqaa anatti dhugeeffatu kana keessaa tokkotti gufuu yoo te'e, dhakaan daaku'uu guddaan morma isaatitti hidhamee qilee abbaaya'aatitti adoo gatamee liqinfamee isaa woyya.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo nama ijoolle didiqo akana tana wollaalchise, ira dansa yo sila d'akha daakhu morma isati hid'ani, d'immu galaana keesa buusani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Namii ammoo fulaa ijoollee didiqqoo akkanaa tana wallaalchisu, yo silaa dhakaa daakuu morma isatti hidhanii, dhimphuu galaanaa keessa buusan, irra wayya.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worra natti amanan didiqqaa kanniin keessaa ka tokko gufachiisu maruu dhagaan daaku'uu guddaan morma isaatitti hidhamee gara qilee galaanaatitti gatamuu isaa woyyaa.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worra natti amanan didiqqaa kanniin keessaa tokko ka gufachiisu maruu, dhakaan daaku'uu guddaan morma isaatitti hidhamee gara qilee galaanaatitti gatamuu isaa woyyaa.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Naminni kumi'llee anatti ka amanan maandhota kanniin keessaa tokko dogoggorssuu irra, dhagaan daakka'aa ulffaataan mormma isaa irratti hidhamee, gara garba ciisaa gad fago'oo titti gatamee uduu liqimffamee isaa woyya.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Isin keessaa nami tokko worra didiqqaa natti dhugeeffatu kana keessaa tokkotti gufuu yoo te'e, dhakaan daaku'uu guddaan morma isaatitti hidhamee qilee abbaaya'aatitti adoo gatamee liqinfamee isaa woyya.