Matthew 18:7 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Sababa waan kolbaa gufachiisuutiif biyya lafaatiif aanne'e! Wonni guffachiisu dhufuu hin oolu; ammoo ka nama gufachiisuuf aanne'e!
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gaargala lafati, maro wonti nama gufachiisa hedduuni jirtuufi. Wonti akana kunini hojja ch'ufa injirti, ammo gaargala worra waan kanaani d'ufeeti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Gaargala lafaati, marroo wantii nama gufachiisaa hedduun jirtuuf. Wantii akkanaa kun yo cufa injirti, ammoo gaargala warra waan kanaan dhufeete.”
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Biyyi lafaa waan nama gufachiiftuuf isii aanne'e! Wonti gufachiisu dhufuu hin oolu; haa ta'uu ammo ka nama gufachiisuuf aanne'e!
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Biyyi lafaa waan nama gufachiiftuuf isii aanne'e! Wonti gufachiisu dhufuu hin oolu. Haata'uu ammoo ka nama gufachiisuuf aanne'e!
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Itti ansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Sababaa wonittoota namoonni akka dogoggoran taasisaaniitiin, biyya lafaatiif uunsha'a!» Yoom'llee wonittoonni dogoggorssan dhufuun isaanii hin hafu, garuu dhufaatii waan dogoggorssa'aaniitiif ka'uumissa ka ta'u, nama sanii uunsha'a!
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Sababa waan kolbaa gufachiisuutiif biyya lafaatiif aanne'e! Wonni gufachiisu dhufuu hin oolu; ammoo ka nama gufachiisuuf aanne'e!