Matthew 18:8 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Harki keeti yookiin miilli keeti akka cubbuu tolchitu yoo si gufachiise, kutii gati; harka lamaan yookiin miila lamaan qabaattee ibidda bara baraatitti gatamiisaa mannaa, fafoottee yookiin naafattee gara jiruu bara baraa galiisa si'iif woyya.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo harki kanke yokhaani miili kanke si wollaalchise, ufira kuti gati! Ira dansa yo hokolte, yokhaani naafatte jireenni argatte, fulla harka lamafi miila lamaani ibida hegeri keesa si buusani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Yo harkii kee yokaan miilii kee si wallaalchise, ufirraa kutii gati! Fulaa harka lamaaniif fi miila lamaan qabaattee ibidda hegerii keessa si buusan mannaa yo okkoltee, yokaan naafattee jireennaa jiruu hegerii argatte, irra sii wayya.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Harki kee, yookaan lutti tee yoo ka si gufachiiftu taate uf irraa kutii gati. Harka lamaan yookaan luka lamaan qabaattee gara asaaba bara baraatitti gatamu'uu mannaa, hokkolaa yookaan dundumaa taatee jireennaa galuu sii woyya.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Harki kee yookiin lutti tee yoo ka si gufachiiftu taate, uf irraa kutii gati. Harka lamaan yookiin luka lamaan qabaattee gara asaaba bara baraatitti gatamu'uu mannaa, Hokkolaa yookiin duundumaa taatee gara jireennaa galuu sii woyya.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf ijji yookiin miilli kee cubbuu akka hojjatuuf yoo si dogoggorsse muriitii achi gatiin! Harka lama yookiin miila lamaa qabaattee gara ibidda bara baraa titti gatamuu irra, duundumaa yookiin hokkolaa taatee gara jireenna bara baraa titti galuu si woyya.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Harki keeti yookiin miilli keeti akka cubbuu tolchitu yoo si gufachiise, kutii gati; harka lamaan yookiin miila lamaan qabaattee ibidda bara baraatitti gatamiisaa mannaa, fafoottee yookiin naafattee gara jiruu bara baraa galiisa si'iif woyya.