Matthew 19:10 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Barattooti isaa deebisanee, “Wonni abbaa manaatii fi haadha manaa yoo akkas teete, fuudhuu dhabuu woyya” jedhaneen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jari isaa waan isaani jed'e, Yo wonti d'iirsafi niitiyu akana taate, ira dansa yo nami nad'eeni imfuune.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jarii Yesus isaan, “Yo wantii dhiirsaa niitiituu akkana taate, yo nadheenuu fuudhu baatan irra dansaa” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Darasoonni isaa deebisanii, «Wonti abbaa manaatii fi haadha manaa yoo akkana ta'e, fuudhaa fi heeruma dhiisuu woyya.» jedhaniin.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Darasoonni isaa deebisanii, «Wonti abbaa manaatii fi haadha manaa akkana yoo ta'e, fuudhaa fi heeruma dhiisuu woyya.» jedhaniin.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Barattoonni isaa'llee, «Haalli abbaa worraatii fi haadha worraa akkana eega ta'e, fuudhuu dhabuun waan woyyaa ta'e» jedhaniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Barattooti isaa deebisanee, «Wonni abbaa manaatii fi haadha manaa yoo akkas teete, fuudhuu dhabuu woyya» jedhaneen.