Matthew 19:11 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus deebisee, “Worra kennanteef malee, barsiisa kana nami marti dande'ee hin fudhatu” jedheen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni waan jed'eeni, Nami ch'ufti dandae barsiisa tana gula indeemu, ammo isiini ta worra Waaqi kenneefi ch'alla.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus deebisee, “Gorsa kana warra Waaqii kenneef callatti gula yaa'uu danda'a malee, namii cuftii gula yaa'uu hindanda'u jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Wonti kun worra kennameef malee, nama maraafii miti.»
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus deebisee, «Wonti kun worra kennameef malee, nama maraafii miti.»
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus garuu akkana isaaniin jedhe, «Dandeettiin addaa worra isaanii kennameef malee, wonitti kun maraaf hin ta'u.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus deebisee, «Worra kennanteef malee, barsiisa kana nami marti dande'ee hin fudhatu.