Matthew 19:12 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Worri guneessa te'anee dhalatane jiran, worri harka namaatiin guneessa te'anelle jiran, worri mootummaa Waaqaatiif jedhanee guneessa ifi godhaneelle jiran. Nami kana fudhatiisa dande'u fudhatuu ti” isaaniin jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti nami nad'eeni imfuuneefi hedduti jira: hagi gari maro akasuma d'alateefi; ka gari maro nami akasi worra tolcheefi; ka gari maro Finna gubbatiifi nad'eeni imfuune. Nami dandau ha barsiisa tana fud'atuuti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii namii nadheen hinfuuneef hedduu jira, hagii garii marroo akkasuma dhalateef, ka garii marroo namii akkas warra tolcheef, ka garii marroo Mootummaa Waaqaatiif nadheen hinfuune. Namii danda'u ha gorsa kana fudhatuutii!” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Gadaamessa haadhaa keessatti hormaata dhalootaa uduu hin qabaatin worri dhalatan hin jiran. Gariin ka harka namaatiin muramellee hin jira. Worri jeennata sami'iitiif jedhanii akka hormaata dhalootaa hin qabnee uf taasisanillee hin jiran. Ka akkas ta'uu barbaadu haa ta'uu» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Gadaamessa haadhaa keessatti hormaata dhalootaa uduu hin qabaatin worri dhalatan hin jiran. Gariin ka harka namaatiin muramellee hin jira. Worri jeennata sami'iitiif jedhanii akka hormaata dhalootaa hin qabnee uf godhanillee hin jiran. Ka akkas ta'uu barbaadu haa ta'uu» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yakkatamoota ta'anii ka dhalatan ni jiran, worri naminni irraa yakkate'llee ni jira, Mootummaa Sami'iitiif jedhanii worri mataa isaanii akka yakkatama'aa taasisan'llee ni jiran, kanaaf kana fudhachu'uuf ka barbaadu, haa fudhatu.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri guneessa te'anee dhalatane jiran, worri harka namaatiin guneessa te'anelle jiran, worri mootummaa Waaqaatiif jedhanee guneessa ifi godhaneelle jiran. Nami kana fudhatiisa dande'u fudhatuu ti» isaaniin jedhe.