Matthew 19:13 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba akka Yesuus harka ifiitiin qaqqabee daadimatuuf ijoollee diddiqqoo gara isaa fidane. Barattooti isaa ammoo worra ijoollee fide xixane;
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami gari ijoolle didiqo Yesoti d'ufeeni, aka inni harka ira kaye kad'atuufi. Ammo jari isaa worra d'owe.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii garii akka Yesus harka irra kaa'ee kadhatuuf ijoollee didiqqoo gara isaatiin dhufee, jarii isaa ammoo warra dhowwe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa harka isaan irra kaayee akka Waaqa kadhatuuf daa'imman gara isaa fidan. Darasoonni isaa ammo daa'imman teedeffatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Achiin maayessa harka isaan irra kaayee akka kadhatuuf daa'imman gara isaa fidan. Darasoonni isaa ammoo daa'imman teedeffatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo sanitti harka isaa isaan irra kaayee akka isaanii kadhatuuf, namoonni daai'mman gara Yesusii ni fidan, barattoonni isaa garuu namootatti ni baanatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba akka Yesuus harka ifiitiin qaqqabee daadimatuuf ijoollee didiqqoo gara isaa fidane. Barattooti isaa ammoo worra ijoollee fide xixane;