Matthew 19:17 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus deebisee, “Marroo hujii dansa'aa maaf na gaafatta? Dansaan Waaqa tokkocha qofa. Jiru'utti galiisaaf yoo feete, ajajoota Waaqaa eegadhu” jedheen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni waan jed'eeni, Waan dansaa maafi na gaafatta? Nami dansaani toko ch'alla. Yo jireenna argachu feete, seera ch'ufa guuti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus ammoo, “Waan waan dansaa maaf na gaafatta? Namii dansaan tokko callaa, yo jireenna argachuu feete seera cufa guuti” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus deebisee, «Waan hujii misha'aa maaf na gaafatta? Mishaan tokkochuma; yoo jireenna sanitti galuu feete ammo ajaja eegi» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus deebisee, «Waan hujii misha'aa maaf na gaafatta? Mishaan tokkochuma; jireenna sanitti galuu yoo feete ammoo, ajaja eegi» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee, «Waayee waan misha'aa maali'iif ana gaafatta? Mishaa ka ta'e Waaqa tokko qofa, gara jireennaa aseenu'uuf yoo barbaadde garuu, ajajoota raawwadhu!» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus deebisee, «Marroo hujii dansa'aa maaf na gaafatta? Dansaan Waaqa tokkocha qofa. Jiru'utti galiisaaf yoo feete, ajajoota Waaqaa eegadhu» jedheen.