Matthew 19:27 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba Pheexroos deebisee, “Ilaa, nuuti waan mara lakkinnee si hordonneerra. Nuuti maan dhaggatu'uu jirra ree?” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Petroni waan jed'e, Ilaali, nu ya waan ch'ufa lakimne si gula yaane, maani arganna?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan Phexros, “Laal, nu ya waan cufa lakkimnee si gula yaanee, amma maan arganna ree?” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa Pheexroos deebisee, «Kunoo nu woma maraa dhiifnee si faanaa deemneerra; eegasuu nu maal arganna ree?» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Achiin maayessa Pheexroos deebisee, «Kunoo nu woma maraa dhiifnee si faanaa deemneerra, eegasuu nu maal arganna ree?» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo sanitti Phexiros, «Kunoo, nu'u waan maraa dhiifinnee si horddofinnee jirra, eegaa, wonitti argannu maal ta'inna?» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Pheexroos deebisee, «Ilaa, nuuti waan mara lakkinnee si hordonneerra. Nuuti maan dhaggatu'uu jirra ree?» jedhe.