Matthew 19:29 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Nami anaaf jedhee mana yookiin obboleessa yookiin obboleettii yookiin abbaa yookiin haadha yookiin ijoollee yookiin fichaa lakkise, dachaa dhibba hin fudhata; jiruu bara baraalle hin dhaggata.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle nami maneenifi oboleesafi oboleetifi, abbaafi haad'afi, ilmaaniifi oobru, maro tiyyaafi lakise, maro d'ibba toko deebisaniifi, jireenna hegerile argata.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammallee namii mana, obbooleessaa, obbooleettii, abbaa, haadha, ilmaanii fi oobruu, marroo tiyyaaf lakkise, marroo dhibba tokkoo deebisaniif, jireenna hegeriillee inargata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namni maqaa kiyyaaf jedhee mana, yookaan obboleessa, yookaan obboleettii, yookaan Abbaa, yookaan haadha, yookaan ijoollee, yookaan qonna ufii dhiise maruu dachaa dhibbaa hin argata; jeennatallee hin gala.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Namni maqaa kiyyaaf jedhee mana yookiin obboleessa yookiin obboleettii yookiin Abbaa yookiin haadha yookiin Ijoollee yookiin qonna ufii dhiise maruu, dachaa dhibbaa hin argata; jeennatallee hin gala.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Waayee kiyyaaf jedhee manniin yookiin obboleeyyan, yookiin obboleettiiwwan yookiin abbaa yookiin haadha, yookiin ijoollee yookiin bakka qonnaa ka dhiise marrinuu, dachaa dhibbaan ni fudhata, jireenna bara baraa'llee ni argatta.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami naaf jedhee mana yookiin obboleessa yookiin obboleettii yookiin abbaa yookiin haadha yookiin ijoollee yookiin fichaa lakkise, dachaa dhibba hin fudhata; jiruu bara baraalle hin dhaggata.