Matthew 19:3 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Worri Fariisaayotaa gariin gara Yesuusii dhufanee, haga isa ilaaliisaaf barbaadanee, “Nami tokko Sababuma fedheefuu haadha manaa ifii lakkisuun seeraa?” jedhanee isa gaafatane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Farisayooni gari isati d'ufte waan jetteeni, Yo nami niiti ufi lakise fullaa mo fullaaniti?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Fariisotii garii isa laalachuuf gara isaa dhuftee, “Namii niitii ufii yo lakkise aadaa moo aadaaniti?” jettee gaafate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri Fariisotaa gariin gara Yesuusii dhufanii isa qoru'uuf, «Namni tokko sababaa kamiinuu haa ta'uu haadha manaa ufii gad dhiisuun seeraa?» jedhanii isa gaafatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worri Fariisotaa gariin gara Yesuusii dhufanii, isa qoru'uuf, «Namni tokko sababaa kamiinuu haadha manaa ufii gadi dhiisuun seeraa?» jedhanii isa gaafatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo sanitti Farisoonni gara isaa dhiyaatanii isa qormmaatu'uuf barbaadanii, «Naminni haadha worraa isaa sababa maali'iitiin akka isii hiikuun ni eeyyamamaaf?» jechu'uun, ni gaafataniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri Fariisaayotaa gariin gara Yesuusii dhufanee, haga isa ilaaliisaaf barbaadanee, «Nami tokko Sababuma fedheefuu haadha manaa ifii lakkisuun seeraa?» jedhanee isa gaafatane.