Matthew 19:30 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ammoo warri hedduun amma dura jiru worra duuba jiru hin te'a; worri duuba jirulle worra dura jiru hin te'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo nami hedduuni ka amma qara ka eege taha, ka amma eege ka qara taha.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo namii hedduun ka amma nama duraa, nama eegee ta'a, ka amma nama eegee ammoo nama duraa ta'a” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hedduun isaanii ka duraa duuba; ka maayessaa ammo dura ta'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo hedduun isaanii ka duraa duuba, ka maayessaa ammoo dura ta'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Garuu amma worra durssitoota ka ta'an baayi'eenwwan'llee worra duuba irraa ni ta'an, worri duuba irraa ka ta'an'llee, worra dursitootaa ni ta'an.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ammoo worri hedduun amma dura jiru worra duuba jiru hin te'a; worri duuba jirulle worra dura jiru hin te'a» isaaniin jedhe.