Matthew 19:8 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus deebisee, “Sababa mataa-jabeenna keessaniitiif Muuseen akka isin haadhotii manaa teessaan lakkittanu isinii eeyyame malee, jalqaba irratti akkasii moti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni waan worraani jed'e, Maro jabeenna mata keesanitiifi Musani aka lakisani ee jed'e; ammo gaafa uumama akanaaniti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii deebisee warraan, “Museen marroo jabeenna mataa keessanitiif akka lakkisanii ‘Ee'ee’ jedhee malee gaafa uumamaa akkanaaniti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus deebisee, «Sababa mata jabeenna keessaniitiif Muuseen akka isin haadha manaa teessan hiittan isin hoffolche malee, dur akkasii miti» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus deebisee, «Sababa mata-jabeenna keessaniitiif Muuseen akka isin haadha manaa teessan hiittan isin hoffolche malee, Duri ammoo akkasii miti jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Inni'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Museen haadha worraa keessan akka hiikitaniif ka isinii eeyyamame, onneen keessan jabaatee sababaa dhibiddoota ta'uu keessaniitiin, jalqaba garuu akkana hin turre.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus deebisee, «Sababa mataa-jabeenna keessaniitiif Muuseen akka isin haadhotii manaa teessan lakkittanu isinii eeyyame malee, jalqaba irratti akkasii moti.