Matthew 2:1 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Bara Heroodis mooticha te'eeru, qachaa Beetelemii, ka Yihudaa keessaatitti Yesuus dhalate. Achiin duuba adoo hin turin beekkoleen urjii qorqortu karaa baya adu'uutii gara Yerusaalemii dhufanee,
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gaafa Herodeni hayyu Yahudi, Yesoni dira Bethlehemu ka lafa Yahudi keesati d'alate. Hojuma suni ato inturinu jari waan urji beekhu toko gara ilaboruti Yerusalemu d'ufe, waan jed'e, Daimi hayyu Yahudi tahu ka d'alate me? Urji, isaa ilaboruti agarre isa guddisu d'umne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Gaafa Herodis hayyuu lafa Yihudaa, Yesus dira Betlihem ka lafa Yihudaa keessatti dhalate. Yoma sun adoo hinturinuu jarii waan urjii beeku tokko gara ilaboruutii Yerusaalem dhufee, “Daa'iimii hayyuu Yihudii ta'u ka dhalate mee? Urjii isaa ilaboruutti agarreetti isa ulfeessuu dhumnee” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bara Heroodis mootii ta'e Yesuus qachaa Beeteliheemii Yihuuda'aa keessatti dhalate. Achiin maayii ogeeyyiin urjii qoran karaa baya biiftu'uutii gara Yerusaalemii dhufan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Bara Heroodis mootii ta'eeru, qachaa Beetelihem Yihuuda'aa keessatti Yesuus dhalate. Achiin maayii ogeeyyiin Urjii qoran karaa baya adu'uutii gara Yeruusaalemii dhufan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Bara nugusa Heerodisii titti arddii Yihuda'aa titti ta argamittu, magaalaa Beetelihemii itti Yesus yeroo dhalatetti, qorattoonni urjji'ii baya adu'uutii gara Yerusaalemii ni dhufan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Bara Heroodis mooticha te'eeru, qachaa Beeteelemii, ka Yihudaa keessaatitti Yesuus dhalate. Achiin duuba adoo hin turin beekkoleen urjii qorqortu karaa baya adu'uutii gara Yerusaalemii dhufanee,