Matthew 2:11 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Mana seenanee, mucaa haadha isaa Maariyaam woliin dhagganee, gad jiganee isaaf sagadane. Achiin duuba subba ifii bananee worqii, hixaanaa fi qumbii isaaf kennane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Mana seenani gurbafi Mariamu haad'a isaa argani, isa durati jigani isa guddisani. Subba ufi banani worqifi hit'anafi qayya kennanifi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Mana duudanii gurbaa fi Maariyam haadha isaa arginaan, isa duratti jiganii isaa sagadanii, subba ufii bananii warqii, hixaanaa fi qumbii kennaaniif.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mana seenanii daa'ima haadha isaa Maariyaamiin woliin arganii gad kufanii isaa sagadan. Achiin maayii Saanduuqa ufii bananii kennaa worqi'ii, Hixaanaa fi qumbii kennaniif.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Mana seenanii, daa'ima haadha isaa Maariyaamiin woliin arganii, gad kufanii isaa sagadan. Achiin maayii Saanduqa ufii bananii, kennaa worqi'ii, Hiixana fi qumbii isaa kennan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
gara manaa'llee aseenanii daa'ima haadha isaa Maariyaamiin woliin uduu jiru ni arganiin, kufanii'llee ni sagadaniif, sanduuqota isaanii'llee bananii kennaa worqqi'ii, ixaanaatii fi qumbi'ii'llee ni dhiyeessaniif.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mana seenanee, mucaa haadha isaa Maariyaam woliin dhagganee, gad jiganee isaaf sagadane. Achiin duuba subba ifii bananee worqii, hixaanaa fi qumbii isaaf kennane.