Matthew 2:12 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba isaan gara Heroodisii akka hin deebineef, Waaqi oojju'uun waan isaan if eegachiiseef, karaa dhibi'iin gara biyya ifii deebi'ane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Oobju keesa Waaqi, Herodeti indachaiina worraani jennaani kaani, kara d'ibiini lafa ufiti galani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Oobjuuni Waaqii, “Herodisitti hindacha'inaa” warraan jennaan ka'anii, karaa dhibiin lafa ufiitti galan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa Rabbi akka isaan gara Heroodisii hin deebine eebju'uun waan isaan seereef karaa biraatiin gara biyya ufii deebi'an.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Achiin maayessa isaan gara Heroodisii akka hin deebine, Rabbi eebju'uun waan isaan uf eeggachiiseef, karaa biraatiin gara biyya ufii deebi'an.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Gara Heerodisii'llee akka hin deebineef Waaqinni eebjju'uun waan isaan ufi eeggachiiseef, qorattoonni karaa bira'aatiin gara biyya isaanii deebi'anii ni deeman.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba isaan gara Heroodisii akka hin deebineef, Waaqi oojju'uun waan isaan if eeggachiiseef, karaa dhibi'iin gara biyya ifii deebi'ane.