Matthew 2:13 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Eega beekkoleen sun gara biyya ifii deebi'ane, ergamaan Gootta'aa oojju'uun Yoseefitti mudhatee, “Heroodis mucaa ijjeesiisaaf waan barbaaduuf, ka'iitii, muca'aa fi haadha isaa fudhadhuu gara biyya Gibxi'ii baqadhu; haga ani sitti himutti achi turi” jedheen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi worri yae, malaikaani Aabbo oobjuuni Yusufuti d'ufte waan jetteeni, Kai, gurbafi haad'a fuud'i, lafa Misiri d'aqi, haga anini siti himuti achuma tai. Herodeni gurba barbaade ijeesu fed'a jette.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Eegii warrii yaa'e, ergamaan Aabboo Waaqaa oobjuun Yoseefiitti dhufee, “Herodis gurbaa barbaadee ijjeessuu fedhaa, ka'ii, gurbaa fi haadha fuudhii lafa Gibxii dhaqii, haga anin sitti himuutti achuma taa'i” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haga ogeeyyiin gara biyya ufii deebi'aniin maayessa maleekkaan Goofta'aa eebju'uun Yooseefitti mudhatee, «Heroodis daa'ima ajjeesuu waan barbaaduuf ka'ii daa'imaa fi haadha isaa qabadhuutii gara Misirii baqadhu; haga ani sitti himutti achuma taa'i» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haga ogeeyyiin sun gara biyya ufii deebi'an, ergamaan Goofta'aa eebju'uun Yooseefitti mudhatee, «Heroodis daa'ima ajjeesuu waan barbaaduuf, ka'iitii, daa'imaa fi haadha isaa qabadhuutii gara Misirii baqadhu; haga ani sitti himutti achuma taa'i» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Qorattoonni urjji'ii eega deemaniin duubatti, maleyikkaan Goofta'aa Yooseefitti eebiju'uun muldhatee, «Heerodis daa'ima ajjeesu'uuf waan barbaaduuniif, ka'iitii daai'maa haadha woliin qabadhuu gara biyya Gibxii dheessi, haga sitti himutti'llee achuma turi!» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Eega beekkoleen sun gara biyya ifii deebi'ane, ergamaan Gootta'aa oojju'uun Yoseefitti mudhatee, «Heroodis mucaa ijjeesiisaaf waan barbaaduuf, ka'iitii, muca'aa fi haadha isaa fudhadhuu gara biyya Gibxi'ii baqadhu; haga ani sitti himutti achi turi» jedheen.