Matthew 2:15 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Haga Heroodis du'u achi ture; Goottaan afaan raaga'aatiin, “Ani biyya Gibxi'iitii mucaa kiyya waame” jedhee wonni dubbateeru akka muummottuuf tun teete.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti kunini aka dubbini Aabbooni afaani raagatiini duri fage, ta anini lafa Misiri keesa yayu ilma kiyya yaame jettu guutamtufi taate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Haga Herodis hindu'in cufaa achi taa'e. Wantii kunin akkuma dubbii durii Aabboon afaan raagatiin himee taate, akka qoonqoon, “Anin lafa Gibxii keessaa ilma kiyya ya yaame” jettu guutamtuuf.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haga Heroodis du'utti achuma taa'e; kun ka Gooftaan afaan raagaatiin, «Ani biyya Misiriitii ilma kiyya waame» jedhee dubbate sun akka raawwatamuuf ta'e.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haga Heroodis du'utti achuma taa'e; Gooftaan afaan raagaatiin, «Ani biyya Misiriitii ilma kiyya waame» jedhee dubbate suni akka raawwatamuuf kun ta'e.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Achitti'llee Heerodis haga du'uuf ni ture, kun'llee ka ta'e Gooftaan nabiyyichaan, «Ilma kiyya Gibxiitii ni waameen» dubbiin jedhe, akka raawwatamuuf.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Haga Heroodis du'u achi ture; Goottaan afaan raaga'aatiin, «Ani biyya Gibxi'iitii mucaa kiyya waame» jedhee wonni dubbateeru akka muummottuuf tun teete.