Matthew 2:16 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Worri urjii qorqoru akka isa sobe yennaa hubate, Heroodis akka malee aare. Yennaa urjiin itti mudhatte worra urjii qorqoru irraa akka gaafatee hubatetti, ijoollee Beetelem keessaatii fi adaala isi'ii maraa, ta woggaa lamaa yookiin achii gadii loltoota ifii ergee ijjeesisiise.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Herodeni aka jari ilaboru d'ufe kaani isa sobe arginaani guddo dalane, nama erge ijoolle d'iira ta Bethlehemu keesa jirtuufi ta reera suni keesaa, ta ganna lama asi fit'a jed'e, aka ganna jara mirga d'ufe iraa hubate gula.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Herodis akka jarii ilaboruutii dhufe kaan isa sobe arginaan guddoo dallanee, waan ganna daa'imaa jara ilaboruutii dhufe kaan irraa hubateef nama ergee, “Ijoollee dhiiraa ta Betlihem keessa jirtuu fi ta reera sun keessaa, ta ganna lamaa asii cufa fixaa” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaan maayessa worri urjii qoratan akka isa soban hennaa hubate Heroodis guddisee aare. Hennaa urjiin itti mudhatte worra urjii qoratan irraa akka gaafatee hubatetti daa'imman Beeteliheemiin keessaatii fi naannoo sanii maraa ta woggaa lamaatii fi ta achii gadii ta'an loltoota ufii ergee ajjeesisiise.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worri urjii qoru akka isa soban hennaa hubate, Heroodis guddisee aare. Hennaa urjiin itti mudhatte worra urjii qoran irraa akka gaafatee hubatetti, daa'imman Beetelihem keessaatii fi naannoo san maraa, ta woggaa lamaa yookiin achii gadi ta'an loltoota ufii ergee ajjeesisiise.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti Heerodis qorattoonni urjji'ii akka isa sobaniin yeroo hubatetti, haalaan ni dallane, gara Beethlihemiitii fi gandoota naannoo jiran mara lolttoota isaa ergee, akkaatama bara qorattoota urjji'ii irraa hubateetiin, umriin isaanii woggaa lama ka ta'anii fi achii gadi ka ta'an, Beetlihemii fi naannoo isi'ii ka turan daa'imman dhiiraa ni ajjeesise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri urjii qorqoru akka isa sobe yennaa hubate, Heroodis akka malee aare. Yennaa urjiin itti mudhatte worra urjii qorqoru irraa akka gaafatee hubatetti, ijoollee Beeteelem keessaatii fi adaala isi'ii maraa, ta woggaa lamaa yookiin achii gadii loltoota ifii ergee ijjeesisiise.