Matthew 2:18 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
wonni inni raagalle, “Qoonqoon Raama'atti dhage'ante, qoonqoo wiiccifataa fi booyaa ti. Raahel ijoollee ifiitiif bootte; ijoolleen isi'ii waan dhumatteef, jajjabaachuu didde” ka jedhu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Qonqo Rama keesati d'agayani, ta laalafi boa guddo. Rahelini ilmaani ufiiti boote, iraa hafu dad'abde, waan isiini ch'ufa raawatteefi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Qoonqoo laaleeffachaa fi boo'a guddoo, Raama keessatti dhaga'an; Raahel ilmaan ufiitii boottee, waan isiin cufa raawwatteef irraa hafuu dadhabde” jedhe kaan cuftii guutamtee.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Wonti inni raage, «Laagaan Raama'atti dhagayame, laagaa wocaa fi booyaati. Raahel ijoollee ufiitiif bootte; ijoolleen isi'ii waan dhumatteef, jajjabaachuu dadhabde» jedha.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Wonti inni raagallee, «Laagaan Raama'atti dhagayame, laagaa wocaa fi booyaa ti. Raahel ijoollee ufiitiif bootte; ijoolleen isi'ii waan dhumatteef, jajjabaachuu dadhabde» jedha.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Raahel waayee ijoollee isi'iitiif yoo boottu, qooniqqi ani bade'eetii fi booya hadhaaya'aa Raama'atti ni dhagayame, ijoolleen isi'ii lubbu'uun waan hin jirreef, obissu'uuf'llee ni didde.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
wonni inni raagelle: «Qoonqoon Raama'atti dhage'ante, qoonqoo wiiccifataa fi bowaa ti. Raahel ijoollee ifiitiif bootte; ijoolleen isi'ii waan dhumatteef, jajjabaachuu didde» ka jedhu.