Matthew 2:20 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
“Worri mucaa ijjeesiisaaf barbaadu waan du'eef, ka'iitii, muca'aa fi haadha isaa fudhadhuutii, gara biyya Israa'elii deebi'i” jedheen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
waan jetteeni, Kai, gurbafi haad'a fuud'i, lafa Israeliti gali; worri gurba ijeesu fed'e namu ya due.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Ka'ii, gurbaa fi haadha fuudhii, lafa Isra'elitti gali; warrii gurbaa ijjeessuu fedhe namuu ya dhumee” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Worri lubbuu daa'imaa soqan waan du'aniiraniif ka'ii daa'imaa fi haadhallee qabadhuutii gara biyya Israa'elii deebi'i!» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Worri lubbuu daa'imaa soqan waan du'aniiraniif, ka'ii, daa'imaa fi haadhallee qabadhuutii gara biyya Israa'elii dhaqi!» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Daa'ima ajjeesu'uuf namoonni barbaadan waan du'aniif, ka'iitii daa'ima haadha woliin qabadhuu, gara biyya Israa'eelii deemi!» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Worri mucaa ijjeesiisaaf barbaadu waan du'eef, ka'iitii, muca'aa fi haadha isaa fudhadhuutii, gara biyya Israa'elii deebi'i» jedheen.