Matthew 2:22 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Arkelaawoos addee abbaa ifii Heroodisii biyya Yihuda'aa akka bulchiisatti jiru yennaa dhage'e ammoo, Yoseef achi deemiisa sodaate. Oojju'uun gorfamee, gara lafa Galiila'aa dhaqee,
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo Yusufuni aka Arkeloni fulla abba ufi Herode lafa Yudea fidu d'ageennaani achi d'aqu sodaate. Oobjuuni iti himnaani gara lafa Galilaya gore,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo Yoseef akka Arkelaawos fulaa abbaa ufii Herodis lafa Yihudaa fidu dhageennaan achi dhaquu sodaate. Oobjuun itti himnaan gara lafa Galiilaa gore,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Arkelaawoos bakka abbaa ufii Heroodisii akka mooye hennaa dhagaye, garas deemuu waan sodaateef eebju'uun ka gara biyya Galiila'aa deemu argee garas deeme.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Arkelawoos bakka abbaa isaa Heroodisii akka mooye hennaa dhagaye, garas deemuu waan sodaateef, eebju'uun ka gara biyya Galiila'aa deemu argee, gara biyya Galiila'aa deeme.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Garuu Aekelaawos bakka abbaa isaa Heerodisii bu'ee, arddii Yihuda'aa irratti mootomuu isaa yeroo dhagayetti, Yooseef garas deemu'uuf ni sodaate. Ta'u'llee eebjju'uun qajeelchi waan isaa kennameef, gara arddii Galiila'aa ni deeme.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Arkelaawoos addee abbaa ifii Heroodisii biyya Yihuda'aa akka bulchiisatti jiru yennaa dhage'e ammoo, Yoseef achi deemiisa sodaate. Oojju'uun gorfamee, gara lafa Galiila'aa dhaqee,