Matthew 2:23 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
raagoti marroo Yesuusiitiif, “Inni Naazireticha hin jedhama” wonni jette akka muummottu qachaa Naazireti jedhamu dhaqee le'e.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
deeme dira Nazareti jed'aniti qubate, aka wonti duri raagooti jette guutamtu, ta isaani nama Nazarayo jed'ani jettu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
deemee, dira Naazireeti jedhanitti qubatee, akka wantii durii raagootii isaan, “Nama Naaziretii” jedhan jettu guutamtu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Raattotaan waan Yesuusii, «Inni ‹Naazireeticha› jedhama» jedhamee dubbatame akka raawwatamuuf gara qachaa Naazireeti jedhamtuu dhaqee achi taa'e.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Raattotaan waan Yesuusii, «Inni ‹Naazireeticha› jedhama» jedhamee ka dubbatame akka raawwatamuuf, gara qachaa Naazireeti jedhamtuu dhaqee achi taa'e.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Naaziraawicha ni jedhama» jedhamee nabiyyootaan ka dubbatame, akka raawwatamuuf, gara magaalaa Naazireet jedhamttuu dhufee, ni jiraate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
raagoti marroo Yesuusiitiif, «Inni Naazireticha hin jedhama» wonni jette akka muummottu qachaa Naaziret jedhamu dhaqee le'e.