Matthew 2:8 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba, “Dhaqa'aatii, marroo muca'aa miidhassa'aa qorqora'a; yennaa isa dhaggitane, anille dhaqee akka sagaduuf anatti hima'a” jedhee, gara Beetelemii isaan erge.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gara Bethlehemu worra erge waan jed'eeni, Beena, gurba aka dansaa barbaada, yo agartani qonqo nati erga, aka anileeni d'aqe isa guddisu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Gara Betlihem warra ergee, “Beenaa, gurba akka dansaa barbaadaa, yo agartan qoonqoo natti ergaa, akka anilleen dhaqee isa ulfeessu” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkana jedhee isaan erge, «Beeteliheem dhaqa'aatii waan daa'imaa midhaassa'aa sirri'itti hubadhaa'a; hennaa isa argitan anillee dhaqee akka isaa sagadu natti himaa'a»
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Dhaqa'aatii, waan daa'imaa midhaassa'aa qoradha'aa; hennaa isa argitan, anillee dhaqee akka isaa sagadu natti himaa'a» jedhee, gara Beeteliheemii isaan erge.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akkana'llee jedhee gara Beteliheem titti isaan ni erge, «Deema'aatii waayee daai'maa ufi eegganna'aan qoradhaa, yeroo argattanitti, ani'llee dhaqee akka isaa sagaduuf koota'aatii natti himaa.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba, «Dhaqa'aatii, marroo muca'aa miidhassa'aa qorqora'a; yennaa isa dhaggitane, anille dhaqee akka sagaduuf natti hima'a» jedhee, gara Beeteelemii isaan erge.