Matthew 20:10 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Worri dursee qaxarame yennaa dhufe, isaan caalaa waan fudhatanu seyane; isaanille ammoo minduma guyyaa tokkoo fudhatane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri qara ganamaani qorani kaani d'umnaani, waan hagasi ira argatani ufi sehani, ammo beesuma suni ch'alla argatani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii qara ganamaan maqaa barreessan kaan waan hagas irra argatuu ufii se'ee dhumnaan beesuma haga warra kaanii kennaanii callaa argate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri duraan qaxaraman hennaa dhufan, waan isaan caalaa guddaa fudhatan seeyan; isaan ammo mindama guyyaa tokkoo fudhatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worri duraan qaxaraman hennaa dhufan, isaan caalaa guddaa waan fudhatan seeyanii; isaanillee ammo mindama guyyaa tokkoo fudhatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Worri jalqaba mindeeffaman yeroo dhiyaatanitti caala'atti waan isaanii kafalu isaanitti fakkaatee, ture, garuu isaan'llee tokko tokkoon isaanii qarshii kudha shanii, ni fudhatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri dursee qaxarame yennaa dhufe, isaan caalaa waan fudhatanu seyane; isaanille ammoo minduma guyyaa tokkoo fudhatane.