Matthew 20:12 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
‘Hojjattooti duubarra qaxaramane sa'aatii tokko qofa hujane, ati ammoo nu worra adu'utti woxalamaa guyaa guutuu dadhabaa oolle isaan woliin nu qixxeessite’ jedhane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
waan jed'ani, Worri eege qorani kunini diquma toko hojate, ammo nu guyya kana ch'ufa adu tana keesa oolle, duuba atini waanuma worraa kennite nule kennita!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
‘Warrii eegee barreessan kunin diquma tokko hojjatee, nu ammoo guyyaa kana cufa aduu tana keessa oollee, atin duuba homa warraa kennite nullee kennitaa!’ jedhaniin.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
‹Hojjattoonni duuba irra qaxaraman sa'aatii tokko callaa hujan; ati ammo nu worra aduu keessatti gubata'aa dadhaba'aa oolleen nuun wol qixxeessita› jedhanii abbaa maasaa woyini'iititti guunguman.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
‹Hojjattoonni duubarra qaxaraman sa'aatii tokko calaa hujan, ati ammoo nu worra aduu keessatti gubbata'aa dadhaba'aa oolleen nuun wolqixxeessita› jedhanii abbaa maasaa woyini'iititti guunguman.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
‹isaan kunniin muummee irraan dhufanii ka hojjatan saa'aatii tokko qofaaf, garuu guyyaa guutuu oo'a adu'uutiin gubata'aa, nu'u worra huji'iin dadhaba'aa oolleen woliin, wol qixa isaan taasftte.›
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
‹Hojjattooti duubarra qaxaramane saatii tokko qofa hujane, ati ammoo nu worra adu'utti woxalamaa guyyaa guutuu dadhabaa oolle isaan woliin nu qixxeessite› jedhane.