Matthew 20:19 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba akka isaan itti taphatanee, dhaananee fannisanu worra Yihudoota hin te'initti dabarsanee isa hin kennan. Guyyaa sadeesso'ootitti du'aa hin ka'a” isaaniin jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
harka gosa d'ibiti kenna, isa goyeesani, lichooni d'aanani, mukhati fannisani, ammo guyya sadeeso isa kaasani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
harka gosa dhibiitti kenna, isa gooyyeessanii, lichoon dhaanaanii, mukatti fannisan, guyyaa sadeessoo ammoo isa kaasan” isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa isaan itti baldan; hin dhaanan; akka isa fannisaniif worra Yihuudota hin ta'initti dabarsanii isa kennan. Guyyaa sadeesso'ootitti du'aa hin ka'a.» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Achiin maayessa isaan itti baldan, hin dhaanan, akka isa fannisaniif worra Yihuudota hin ta'initti dabarsanii isa kennan. Guyyaa saddaffa'aatitti du'aa hin ka'a.» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanneef dabarsanii ni kennaniin, isaan'llee itti ni baldan, ni dhaananiin, ni fannisaaniin'lle'e, garuu guyyaa sadaffaa titti du'aa ni ka'a.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba akka isaan itti taphatanee, dhaananee fannisanu worra Yihudoota hin te'initti dabarsanee isa hin kennan. Guyyaa sadeesso'ootitti du'aa hin ka'a» isaaniin jedhe.