Matthew 20:21 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Innille isi'iin, “Ati maan barbaadda?” jedhe. Isiille isaan, “Ilmaan tiyya lamaan tun mootummaa teeti keessatti tokkochi midda keetitti, tokkochi bitaa keetitti, akka tee'anu naa godhi” jetteen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni waan jed'eeni, Maani feeta? Isiini waan jette, Aka ilmaani tiyya tuni lamaani, Finna kanke keesati, harka kanke ka mirgatiifi ka bitale teteetu fed'a.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus, “Maan feeta?” jedhee gaafate. Isiin, “Akka ilmaan tiyya tunin lamaan, Mootummaa tee keessatti, harka kee ka mirgaatii fi ka bitaallee teteettu fedha!” jette.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus, «Maal barbaadda?» jedheen. Isiin, «Ijoollee tiyya lamaan tanniin jeennata kee keessatti tokko mirgaan; tokko bita'aan akka taa'an naa godhi» jetteen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus, «Maal barbaadda?» jedhe. Isiinillee, «Ijoollee tiyya lamaan tanniin jeennata kee keessatti tokko mirgaan tokko bita'aan akka taa'an naa godhi.» jetteen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee, «Maal barbaadda?» isi'iin jedhe. Isiin'llee, «Mootummaa kee titti ijoollee tiyya kanniin lamaan, tokko mirga keetiin, tokko bitaa keetiin akka naa taa'an taasisi!» jetteen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Innille isi'iin, «Ati maan barbaadda?» jedhe. Isiille isaan, «Ilmaan tiyya lamaan tun mootummaa teeti keessatti tokkochi midda keetitti, tokkochi bitaa keetitti, akka tee'anu naa godhi» jetteen.