Matthew 20:22 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus ammoo deebisee, “Isin waan kadhatanu hin beettanu. Isin muduunuu rakko'oo ta ani uniisa geyeeru unuu hin dandeettanii? ” isaaniin jedhe. Isaanille, “Nuuti hin dandeenna” isaan jedhane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni waan worraani jed'e, Isani waan kad'attani imbeetani. Isani dandeetani mudunu anini keesa d'ugu ind'uddaniini? Indandeenna jed'aniini.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus warraan, “Isan waan kadhattan hinbeettan, isan dandeettanii muduunuu anin keessaa dhuguun indhuddanii?” jennaan, isaan, “Indandeenna” jedhan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus ammo deebisee, «Isin waan kadhattan hin beettan; mijuu rakko'oo ta ani dhugu'uuf ta'u dhuguu'u; cuuphama ani cuuphamu'uuf ta'u cuuphamuu dandeettuu?» jedhe. Isaan, «Ee hin dandeenna!» jedhanii deebisaniif.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus ammo deebisee, «Isin waan kadhattan hin beettan. Mijuu rakko'oo ta ani dhugu'uuf ta'u dhuguu, cuuphama ani cuuphamu'uuf ta'u cuuphamuu dandeettuu?» jedhe. Isaanillee, «Ee hin dandeenna.» jedhaniin.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus garuu, «Isin waanuma kadhatanuu hin beekittan, ani yeroo dhiyo'otti ka dhugu duloo rakkinnaa dhugu'uuf ni dandeettanii ree?» isaaniin jedhe. Isaan'llee, «Ee ni dandeenna!» jedhan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus ammoo deebisee, «Isin waan gaafatanu hin beettanu. Isin muduunuu rakko'oo ta ani uniisa geyeeru unuu hin dandeettanii? » isaaniin jedhe. Isaanille, «Nuuti hin dandeenna» isaan jedhane.