Matthew 20:23 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Innille, “Isin dhugumaan muduunuu rakko'oo ta ani unu hin untan, ammoo ka namoota midda kiyyaa fi bitaa kiyyatti teessiisu anaa moti; addeen tun worra Abbaan kiyya isaaniif qopheesseeruuf kennanti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni waan jed'eeni, D'uguma mudunu tiyya keesaa d'uddani, ammo anini jabeenna nama harka kiyya mirgafi bitaachaani tau fohad'u inqabu. Fullaani tunini tama worra Aabbooni kurfeeseefi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Inniilleen, “Dhugumaa muduunu tiyya keessaa dhuddan, ammoo anin jabeenna nama harka kiyya mirgaa fi bitaachaatiin ta'uu foohadhu hinqabu; fulaan tunin tama warra Aabboon kurfeesseefii” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus, «Mijuu ani dhugu ima dhuddan; cuuphaa ani cuuphamullee ima cuuphamtan; ka mirgaa fi bitaa kiyya teessisu ammo anaa miti; huleen kun ka worra qophaayeef kennamu» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuusillee, «Mijuu ani dhugu ima dhuddan, cuuphaa ani cuuphamullee ima cuuphamtan. Haata'uu ammoo mirga kiyyaa fi bitaa kiyya ka teessisu anaa miti; huleen kun ka worra qophaayeef kennamu.» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee, «Qajeelumaan duloo ani dhugu ta rakkinnaa ni dhugiddan, garuu namoota mirga kiyyaa fi bitaa kiyyaan akka taa'an ka taasisu anaa miti, bakkeen kun ka kennamu namoota Abbaan kiyya isaanii qopheessef.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Innille, «Isin dhugumaan muduunuu rakko'oo ta ani unu hin untan, ammoo ka namoota midda kiyyaa fi bitaa kiyyatti teessisu anaa moti; addeen tun worra Abbaan kiyya isaaniif qopheesseeruuf kennanti» isaaniin jedhe.