Matthew 20:25 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus ammoo gara ifii isaan waamee, “Bulchitooti worra Yihudoota hin te'inii kolbaa ifii irratti akka goottomanu, qondaaltoti isaaniille isaan irratti baallii guutuu akka qabanu isin hin beettan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo Yesoni worra ch'ufa wolti yaame waan jed'eeni, isani imbeetani, aka jari gugurdaani gosa d'ibitiifi jari lafa fidu jabeenna qabu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus ammoo warra cufa walti yaamee, “Isan akka jarii gugurdaan gosa dhibiitii fi jarii lafa fidu jabeenna qabu inbeettanii;
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus ammo gara ufii isaan waamee akkana isaaniin jedhe, «Bulchoonni worra Yihuudota hin taane worra bulchan irratti, gugurdoonni worra isaan bulchan irratti baallii qaban akka mudhisan hin beettan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus ammo gara ufii isaan waamee akkana isaaniin jedhe, «Bulchoonni worra Yihuudota hin taane worra bulchan irratti guggurdonni worra isaan bulchan irratti baallii qaban akka mudhisan hin beettan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus garuu mara isaaniituu waamee akkana isaaniin jedhe, «Itti gaafatamoonni ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee bittoota ummata isaaniiti, durssitoonni isaanii'llee isaan irratti aangoo akka qaban ni beekittan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus ammoo gara ifii isaan waamee, «Bulchitooti worra Yihudoota hin te'inii kolbaa ifii irratti akka goottomanu, qondaaltoti isaaniille isaan irratti baallii guutuu akka qabanu isin hin beettan.