Matthew 20:34 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus isaanii nayee ila isaanii qaqqabe; yoosuma ilti isaanii banantee, isaan isa hordofane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni worraa nahe, ila worraa tuqe, hojuma suni lafa argani isa gula yaani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus warraa na'e, ila warraa tuqe, hojjuma sun lafa arganii isa gula yaa'an.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus waan isaan garaa isa nyaataniif, ija isaanii qaqqabe. Yoma san ijji isaanii banamtee isaanillee isa faanaa deeman.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus waan isaan garaa isa nyaataniif, ija isaanii qaqqabe. Yoma san ijji isaanii banamtee, isaanillee isa faanaa deeman.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee, isaanii garaa laafeeti ija isaanii ni qaqabe, bakkumatti ijji isaanii ni argite, isaan'llee Yesusiin ni horddofan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus isaanii nayee ila isaanii qaqqabe; yoosuma ilti isaanii banantee, isaan isa hordofane.