Matthew 21:1 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuusii fi barattooti isaa yennaa Yerusaalemitti dhikaataneeranu, gaara Ejersaatitti, addee Betfaagee jedhantu geyaneeranuun, Yesuus barattoota lamaan ergee,
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yerusalemuti d'iaannaani, Bethfage fulla Gaara Ejersa jed'ani d'ufani. Achiti Yesoni d'aamsa kanaani jara ufi lama erge:
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yerusaalemitti dhi'annaan Betfaagee, fulaa Gaara Ejersaa jedhan dhufan. Achitti Yesus dhaamsa kanaan jara ufii lama erge,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuusii fi darasoonni akkuma Yerusaalemitti dhiyaataniin gaara Ejersaatitti hulee Beetafaagee jedhamtu gayan, Yesuus darasoota ufii keessaa nama lamaa akkana jedhee isaan erge.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa Yeruusaalemitti dhiyaatan, gaara Ejersaatitti hulee Betafaagee jedhamtu gayan, Yesuus darasoota ufii keessaa nama lamaa akkana jedhee isaan erge.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesusii fi horddofttoonni isaa gara Yerusaalemii yeroo dhiyaatanitti, gara ganda Beetfaagee Gaara ejjerssaa titti argamuu yoo gayan, Yesus barattoota isaa keessaa lamaan akkana jechu'uun erge,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuusii fi barattooti isaa yennaa Yerusaalemitti dhikaataneeranu, gaara Ejersaatitti, addee Betfaagee jedhantu geyaneeranuun, Yesuus barattoota lamaan ergee,