Matthew 21:14 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Naafii fi ballaan Galma Waaqaa keessatti gara Yesuusii dhufane; innille isaan fayyise.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ballafi naafi ch'ufti Mana Waaqa keesati isati d'ufe, inni worra fayyise.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Naafaa ballaan cuftii mana Waaqaa keessatti isatti dhufee, innii warra fayyise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mana woyyuu keessatti worri ija jaamanii fi hokkoloonni gara Isaa dhufan; inni isaan fayyise.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Mana woyyuu keessatti balloonninii fi hokkoloonni gara Isaa dhufan, innillee isaan fayyise.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus Mana Waaqeffanna'aa keessa uduu jiru, jaamotaa fi hokkolttoonni gara isaa dhufaniiti, isaan ni fayyise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Naafii fi ballaan Galma Waaqaa keessatti gara Yesuusii dhufane; innille isaan fayyise.