Matthew 21:15 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Moototi hayyootaatii fi barsiisoti Seeraa waan baasaa ka inni godhe yennaa dhagganee fi ijoollee Galma Waaqaa keessatti, “Hosaa'innaa Ilma Daawwitiitiif” jedhaa iyyitu yennaa dhagge'ane aarane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Qaalole gugurdofi jari Seera beekhu waan dansaa inni tolcheefi ijoolle Mana Waaqa keesati iyite, Ilmi Daudi ha guddifamu jettu d'ageennaani dalanani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Qaallolee gugurdoo fi barsiisotii seeraa, waan dansaa innii tolche argitee, ijoollee mana Waaqaa keessatti iyyitee, “Ilmii Daawiti ha guddifamuu” jettu dhageennaan dallante.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bulchoonni gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee ammo baasaa fi maalalee inni mana woyyuu keessatti godhee fi hennaa ijoolleen, «Hoosaanaa Ilma Daawitiitiif» jedha'aa iyyan arganii aaran.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo bulchoonni gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee baasaa fi maalalee inni mana woyyuu keessatti godheef, hennaa ijoolleen, «Hoosaanaa Ilma Daawitiitiif» jedha'aa iyyan arganii aaran.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Garuu itti gaafatamoonni qeesotaatii fi barsiisonni seeraa, waan baasaa ka Yesus raawwate arguu isaaniitii fi daai'mman'llee Mana Waaqeffanna'aa titti, «Ilma Daawiitiitiif Hosaa'inaa! Galanni haa ta'u!» jedha'aa yoo iyyan, dhagayuu isaaniitiin ni dallanan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Sooreyyiin hayyootaatii fi barsiisoti Seeraa waan baasaa ka inni godhe yennaa dhagganee fi ijoollee Galma Waaqaa keessatti, «Hosaa'inaa Ilma Daawitiitiif» jedhaa iyyitu yennaa dhaggane aarane.