Matthew 21:16 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Tanaaf Yesuusiin, “Ati waan ijoolleen tun jettu dhageettaa?” jedhane. Yesuus, “Ee hin dhage'a; isin ijjumaa, ‘Afaan ijoolle'eetii fi daa'immaan hootuutiin galata ifiif qopheeffatte’ ka jedhu hin dubbinnee?” isaaniin jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri waan Yesoni jed'e, Waan worri jed'u d'ageeta? Ind'agaya jed'e. T'aafi keesa taka insoomne? Isani ya ijoolleefi daima aka faaru d'uga baaftu barsiiftani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii Yesusiin, “Waan warrii jedhu dhageettaa?” jennaan innii, “Indhagaa jedhee, barreessii keessatti jecha, ‘Isan ya ijoollee fi daa'immaan akka warrii galataa deebisu barsiiftan’ jedhu takka hindubbimnee ree?” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaaf Yesuusiin, «Ati waan ijoolleen tun jettu hin dhageettuu?» jedhaniin. Yesuus, «Ee hin dhagaya; isin sirimaa, ‹Afaan ijoolle'eetii fi daa'imman harma hootu irraa galata ufiif qopheeffatte› ka jedhu hin dubbifnee?» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kanaaf Yesuusiin, «Ati waan ijoolleen tun jettu hin dhageettuu?» jedhaniin. Yesuus, «Ee hin dhagaya; isin sirimaa, ‹Afaan ijoolle'eetii fi daa'imman harma hootu irraa galata ufiif qopheeffatte› ka jedhu hin dubbifnee?» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf Yesusiin, «Daai'mman tunniin waan jedhan ni dhageettaa mitii ree?» ni jedhaniin, inni'llee, «Ee, ni dhagaya, ‹ijoolle'ee fi daai'mman harmma hodhan afaanii galata ni qopheessite› ka jedhu, gonkumaa hin dubbifinnee moo?» isaaniin jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf Yesuusiin, «Ati waan ijoolleen tun jettu dhageettaa?» jedhane. Yesuus, «Ee hin dhage'a; isin ijjumaa, ‹Afaan ijoolle'eetii fi daa'immaan hootuutiin galata ifiif qopheeffatte› ka jedhu hin dubbinnee?» isaaniin jedhe.