Matthew 21:23 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus yennaa Galma Waaqaa seenee adoo barsiisatti jiruu, moototi hayyootaatii fi jarsoleen kolba'aa gara isaa dhufanee, “Ati baallii maaniitiin waan kana goota? Baallii tana eentu sii kenne?” jedhaneen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni Mana Waaqa olseene; ato nama barsiisu, qaalole gugurdofi jari gugurdaani Yahudi isati d'ufani waan jed'aniini, Atini jabeenna kamiini waan kana tolchita? Eentu jabeenna kana sii kenne?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus mana Waaqaa olseenee, adoo nama barsiisuu, qaalloolee gugurdoo fi jarii gugurdaan Yihudii isatti dhufee, “Atin jabeenna kamiin waan kana tolchita? Eentu jabeenna kana sii kenne?” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gara mana woyyuu seenee uduu barsiisu bulchoonni gadootaa, manguddoonninii fi gumiin gara isaa dhiyaatanii, «Ati baallii maali'itiin waan kana goota? baallii kana eentu sii kenne?» jedhaniin.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Gara mana woyyuu seenee uduu barsiisu, bulchoonni gadootaa, manguddoonninii fi gumiin gara isaa dhiyaatanii, «Ati baallii maali'itiin waan kana goota? baallii kana eentu sii kenne?» jedhaniin.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee gara Mana Waaqeffanna'aa aseenee ni barsiisa ture. Yeroo sanitti itti gaafatamoonni qeesotaatii fi jaarsotiin ummataa gara isaa dhiyaataniiti, «Kana mara ka raawwattu aangoo maali'iitiin? Aangoo kana ka siif kenne eennu?» jechu'uun, ni gaafataniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus yennaa Galma Waaqaa seenee adoo barsiisiisatti jiruu, sooreyyiin hayyootaatii fi jaarsoleen kolba'aa gara isaa dhufanee, «Ati baallii maaniitiin waan kana goota? Baallii tana eentu sii kenne?» jedhaneen.